Seattle Public Schools

Private: Preparing for Kindergarten

Oromo

Warri barattootaa barsiisaa daa'immanii kan dursaa ta'uu isaaniitif ga'ee guddaa qabu. Daa'imman karaa adda addaatii fi saffissa garaagaraatin ni baratu. Ogummaa adda addaatiin mana barumsaa dhufu. Qajeelfamni kun ogummaa tokko tokko daa'imman sadarkaa oolmaa daa'immaniitiif qophaa'uuf barbaachisan naannolee guddinaa ja'a irratti ni ibsa. Kan armaan gaditti caqasaman mucaa kessan mana barumsaaf qophii taasisuuf haala wajjin hojjachuu dandeessan kan yaada isinii kennuudha.

 

Waliigaltee namaan wajjinii/ Wanta itti dhagayamu

  • Mucaan koo qajeelcha sadarkaa 2 sirritti ni hordofa, kan sadarkaa 3 hordofuu calqabee jira.
  • Mucaan koo want yeroo yeroon gochuu qabu ni yaadata, ni hordofa. (fk. Irbaata, qaama dhiqachuu, ilkaan qulqulleessu,
  • kitaaba yeroo galgalaa dubbisuu,bakka siree deemuu).
  • Mucaan koo kan itti dhagayamu ni ibsa. (fk: Gammaduu, Gadduu, dinqisiifamuu).
  • Mucaan koo yeroo aaree obsuu fi nagayaa buusuu ni danda'a.
  • Mucaan koo kootii (uffannaa) isaa of danda'ee ni uffata.
  • Mucaan koo of danda'ee mana dhiqanaatti ni fayyadama.            
  • Mucaan koo harka isaa dhqachuu ni danda'aa.
  • Mucaan koo waantolii ittiin xaphate qulquleesuu fi sassaabuu ni danda'a.
  • Mucaan koo hiruu, dabaree isaa eeggachuufi warra kaan gargaaruu ni danda'a.
  • Mucaan koo wanta haaraa fi namoota haaraatti dafee of madaqsuu ni danda'a.
  • Mucaan koo daa'imman kanbiroo wajjin walgalteen ni xaphata.
  • Mucaan koo warraa kaan gammachiisuu ni danda'a.
  • Mucaan koo hiriyoota isaa umurii walqixaa wajjin yeroo hunda xaphachuuf carraa qaba.

 

Guddina Qaamaa

  • Mucaan koo fiiguu fi utaaluu ni danda'a.
  • Mucaan koo miilla tokkoon dhabbachuu ni danda'a.
  • Mucaan koo Kuphaa guddaa darbachuu fi qabachuu ni danda'a.
  • Mucaan koo kubbaa dhawuu ni danda'a.
  • Mucaan koo maqasiidhaan muroo ni danda'a.
  • Mucaan koo qubeessaa qabachuu fi ittiin barreessuu ni danda'a.
  • Mucaan koo kan akka ziippi fi qabduu ykn qulfii ufataa banuu ni danda'a.

 

Dandeettii Afaanii

  • Mucaan koo yaada isaa fi waantoolii barbaade jechaan ni ibsa.
  • Mucaan koo waantoolii beekamoo ta'an maqaa isaanii jecha isaatiin ni ibsa.
  • Mucaan koo guyyaa guyyaan jechoota harawaa ni fayyadama.
  • Mucaan koo namoota baay'eedhaaf haala galuun qulqullinaan ni haasa'a.
  • Mucaan koo jechoota 4 – 6 ta'an haasa'uu ni danda'a.
  • Mucaan koo waa'ee waantoolii kanaan dura ta'anii tokko tokkoon hodeessuu ni danda'a.
  • Mucaan koo dhimma tokko irrattii nama biroo wajjiin dabareedhaan hodeessuu ni danda'a.

 

Guddina Sammuu

  • Mucaan koo rakkoo tokko hiikuuf karaa tokkoon ol ni yaada.                                       
  • Mucaan koo gaafiidhaaf deebii kennuuf fedhii isaa ni agarsiisa.                                   
  • Mucaan koo xapha harawaa uumuun rakkoolee hiikuuf ni yaala.                                
  • Mucaan koo meeshaalee haalluu, bifa ykn guddina isaaniitii fi kkf. addaan baasuu ni danda'a.                                      
  • Mucaan koo bakka tokko taa'uu, dhimma tokkoof xiyyeeffannoo kennuu fi hojii tokko irratti turuu ni danda'a. 

                  

Barruulee

  • Mucaan koo farfannaa daa'imaa 5-10 ta'u ni beeka.
  • Mucaan koo jechoota sagalee tokkoon calqaban ni beeka. (fakeenyaaf: big, brown, bear).
  • Mucaan koo kutaalee jechootaa dhaga'uu ni danda'a. (fakkenyaaf: hap-py, Kutaa 2 ykn. birsaga 2).
  • Mucaan koo qubee guguddaa 10-20 ta'anuu fi qubee xixiqqaa 10-20 ta'an addaan baasee ni beeka.
  • Mucaan koo sagalee qubee 10-20 ta'an haala gaariidhaan jechuu ni danda'a.
  • Mucaan koo kutqaalee kitaabaa addaan baasee ni beeka: cuqqaala, mataduree, fuula, jechoota, kkf.
  • Mucaan koo nama guddaa wajjin kitaaba ni dubbisa, guyyaa guyyaan seenaa nidhaggeeffata, irra deebi'ee ni hima.
  • Mucaan koo fakkii kaasuudhaan ykn qubeedhaan seenaa ni barressa.
  • Mucaan koo maqaa isaa ni barreessa akkasumas qubee isaa addaan baasee ni beeka.
  • Mucaan koo qubee hunda ni beeka.

 

Heerrega

  • Mucaan koo meeshaalee 10 – 20 ta'an quba itti qabuun addaan baasee lakkaa'uu ni dnada'a.
  • Mucaan koo sagalee isaa olkaasuun tartiibaan hanga 20 tti lakkaa'uu ni danda'a.
  • Mucaan koo jechoota kan akka baa'yee, xiqqaa fi walqixa jedhan hubachuu jalqabee jira.
  • Mucaan koo lakkobsa 1-10 addaan baasee ni beeka.
  • Mucaan koo lakoobsa 1-10 meeshalota lakaawaman wajjin waliin qunnamsiisuu ni danada'a.
  • Mucaan koo bifoota beekamoo garaa gar addaan baasee ni beeka. (fak: giingo, golarfee, bukke sadi, kkf.)
  • Mucaan koo bifoowwan salphaa ta'an waliin qindeessuufi addaan baasuu ni danda'a.
  • Mucaan koo meeshaalee taphaa ittin safaraniin xhaphachuu ni danda'a (fak: Siinii, maankaa, sarartuu, kkf).
  • Mucaan koo guddina, fakki fi ulfina wanta adda addaa ibsuuf jechoota ni fayyadama(fak: guddaa, giingoo, ulfaata
  • Mucaan koo waantoolii adda addaa tartiibaan ka'uu ni danda'a (fak: 1ffaa, 2ffaa, 3ffaa).

 

Odeeffannoo Dhuunffaa

  • Mucaan koo maqaa isaa duraa kan dhumaa fi kan warra isaa ni beeka.
  • Mucaan koo bakkaa teessoo isaa fi lakkobsa bilbilaa ni beeka.
  • Mucaan koo maqaa kutaa qaamaa 10 ni beeka (mataa, gateetti, jilba, quba , kkf.).
  • Mucaan koo uumurii isaa fi guyyaa dhaloota isaa ni beeka.